Gabaasi mata dureen isaa “ibiddaan hin taphatin” jedhu ajjeechaa, achi buutee dhabamuu, dararaa humnootii naga eegdota Burundii fi dargaggoota paarticha deggeranii-n raawwatame of keessaa qaba.
Akka qorannaa geggeessameetti namni 500 ol ta’u bara 2017 keessa Burundii keessatti kan ajjeefaman yoo ta’u kanneen kuma 10 ol ta’an hidhaa keessa jiru.
Peirre Claver Mbonimpa waldaa mirga namaa Burundii keessaa hoogganu.
Dhimmootii nuti galmeessine martinuu, waraanaa, poolisii fi harka dargaggoota Imone-rakure- jedhamantti ajjeefaman of keessaa qaba.
Kaan isaanii waa-beekaa dha jedhamuun himataman, kaan immoo dhimma lafa waliin wal qabateen ajjeefaman.
Gareeleen mirga namaa, himannaan jiru martinuu kan kijibaa ti, namoonni kun kan ajjeefaman ilaalcha isaanii kan siyaasaaf ta’uu amanu jedhan.
Kan baqatanii biyya alaa jiraatan Mbonimpan akka jedhanitti haalli qabiyyee mirga namaa Burundii keessaa gad adeemaa adeeme.
Erga ani mirga namoota hidhaa keessa jiranii hordofuu qabee as, namoonni kuma 11,800 manneen hidhaa Burundii keessa jiraachuu hin argee hin beeku. Ka nama gaddisiisuuf qaanessu.
Manni hidhaa kun nama kuma 4 fi shantama qofaa baata. Bakki isaan keessatti hidhaman bakka suukaneessaa dha. Hedduun isaanii hidhamtoota siyaasaa ti. Akka keenyatti, dhiittaan mirga namaa Burundii kessaa sadarkaa hamaa irra ga’eera.
Dhimma mirga namaa Burundiif ministeera itti gaaftamaa kan ta’an Martin Nivya-bandi himannaa gabaasa Sanaa fudhatama dhabsiisuu dhaan biyyi kam iyyuu jannata addunyaa irraa hin qabu. Namoonni inuma du’u. Gabaasi sun garuu bara 2017 ennaa nuti fooya’ina argamsiisnetti, haalli jiru hammaate jechuun nu ajaa’ibe jedhan.
Namoonni, mirga namaaf qabsaa’uu fi siyaasa addaan baasanii hin beekani, gabaasi sun martinuu humnootiin naga eegumsaa dhiittaa mirga namaa keessatti akka hirmaatan godhee dhiyeesse jedhan.
Jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa erga bara 2015 qabee lammiiwwan Burundii kuma 430 ta’a biyyattii dhaa baqachuu beeksisee jira.
Your browser doesn’t support HTML5