Raashiyaan Filannoo Ameerikaa Jidduu Seenuun Mrkana Jedhame Kremlin Garuu Ni Haale

  • VOA

Mootummaan Raashiyaa filannoo prezidaantummaa Ameerikaa kan bara 2016 jidduu seenuu Kremlin haalee jira.

Dubbi himaan mootummaa Raashiyaa Dimirtrii peskoov tuuta oduuf ibsa kennaniin himannaan sun kan hundee hin qabaannee dha jedhan.

Kun kan dhaga’ame erga gorasaan addaa US lammiiwwan Raashiyaa 13 himatee booda. Kunis karaa seeraan ala ta’een duula prezidaant Traamp akka injifatan gochuuf duula filannoo jidduu seenan kan jedhu ture himannaan sun.