Dorgommiin Olompii danqaa Nukleeraa Koriyaa kaabaa irratti yaalii gama Diploomsii akka gaggeeffamuuf karaa kan saaqe ta’uus hagam lubbuu akka dheeratu garu ifa miti.
Dorgommii Olompikii adda addaa cabbii irraa kan koriyaa kibbaatti gaggeeffame Dilbata kaleessaa xumuurame.Sirna xumuuraa gaggeeffame kana irratti prezidaantiin koree Olompikaa addunyaa Toomas Bach akka jedhanti koriyaa kaabaa fi kibbaa dorgommii kana araara buusuuf itti gargaaramuu isaanif galateffatan.
Waan itti amantan gara fuula duraatti karaa nagaan akka fala barbaannuuf hunda keenya karaa agarsiiftan jedhan.