Taanzaaniyaan Godaantota Itiyoophiyaa 84 hidhaa waggaa 3’rratti murteessite

Faayilii - Godaantota Itoophiyaa fi Somaalee dha gara Yemen deeman

Manni Murtii Taanzaaniyaa godaantota Itiyoophiyaa 84 hidhaa 3 wagaa 3’ isaan adabe. Lammileen Itiyoophiyaa kun torbeedhaan dura taanzaaniyaa kutaa bulchiinsa Iriingaa jedhamutti ka qabaman yoo tahu, godaansa seeraan alaan gara Maalawiitti darbuuf utuu jedhaniiti kan qabaman.

Godaantota kana konkolaataa keessatti ukkaamsee ka isaaniin deemaa ture konkolaachisaan konkolaatichaa yoggasuma yoo miliqu, Poolisiin Taanzaaniyaa lammii biyyattii Hasan Feeruuz jedhamu lammileee biyyattii waliin to’annaa jela oolcheera.

Itti gaafatamaan Waajjira Immigreeshinii Taanzaaniyaa ka Damee Iringaa obbo Hop Kawaawaa ‘yoo to’annoo jela lammilee Itiyoophiyaa kana oolchinu isaan keessaa namni 12 of wallaanii hospitaalatti akka yaalaman dubbatan.’

Itiyoophiyaan Taanzaaniyaadhaa Imbaasii kan hin qabne yoo taatu, dhimmichi ka ilaallatu Imbaasii Itiyoophiyaa Naayiroobii jiru dubbisuuf yaaliin goone hin milkaayin hafeera.

Gabaasi ka Galmoo Daawit

Your browser doesn’t support HTML5

Taanzaaniyaan Godaantota Itiyoophiyaa 84 hidhaa waggaa 3’rratti murteessite