WAASHINGITAN, DIISII —
Ministirri haajaa alaa Yunaaytid Isteets Reekis Tilarsan Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa shan dawwachuuf deemu. Kaayyo imala isaanii laalchisee dhimmota Afrikaatif, itti aannaa ministirri dhimmoota alaa Yunaytid Isteets, ambaasaddor Doon Yamamoton gaazeexessitootaf Kibxata kaleessaa ibsa kennaniiru.
Dawwannaa Itoophoyaatti godhaniin wal-qabatee gaafiwwan ka’eef irratti deebii kennaniin, biyyattin ministira muummichaa haaraa filachuuf qophiirra waan jirtuuf bulchiinsi itti aanu mal fakkatinna an jedhu dubbii ijoo mariif karoorfaman keessa ta’uu beeksisan.
Imalli isaanii kuniis harraa qabee amma Bitootessa 13 yeroo ta'u Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa shanitti goruu.
Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa
Your browser doesn’t support HTML5