Lammiwwan Iraan Amerikaa Keessatti Himataman

  • VOA

Manni murtii uummataa guddichi kan Federaalaa inni Niiw Yoork keessa jiru lammiwwan Iraan sagal irratti himannaa dhiyeessuu isaa waajirri haqaa har’a beeksisee jira.

Kunis hanna seeraan alaa kan gama komputaraan gaggeeffamu bara 2013 kaasee gaggeessaa turan jedha himannaan irratti dhiyaate..

Shakkamtoota kana keessaa lama dhaabbata “Mabna institute” jedhamu kan bu’ursan yoo ta’u hunduu achii keessaa hojjatu.

Kunis yunivarsitiwwan Iraan qorannaa saayinsii gaggeeffaman argachuu akka danda’aniif karaa saaqe.Kunis biyyoota 22 keessa kan jiran yunivarsitiwwan 320 kompuutara qaban seenuu odeeffannoo argachuu danda’anii jiru.

Isaan kana keessaa 144 yunivarsitii Amerikaa keessa jiran fi qorannaalee yunivarsitiwwan gaggeessan kan doolaaraa Biliyoona 3.4 baasiisan hatan jedhamee jira.