Your browser doesn’t support HTML5
Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa akka itti gaafatatmuun biiro tanaa aaddee Loomii Badhoo jettutti ganna dabree asitti Oromiyaa waan hedduun jijjiiruf karoorii bahe.
Fkn magaalaa Adaamaa keessatti olloota durii ganda 01-14 jedhani yaaman cufaa maqaa Oromoon duruu baafattetti deebisan.
Sun qofaa mtii ollootaa fi karaa guggurdaa,waljajji lafaallee maqumsa Oromootii fi jabaa fi jabduu isiitti deebisaniif.
Akak jecha aaddee Loomiitti sirnii durii maqaa namaa qofaa mitii ka lafaatuu waan heddun jijjiire.”Tanaaf amma xiiqiin maqaa ufi deebifachuutti jiran.”
Maqaa ufii ka bade deebisuun tun ammoo Adaamaa irraa jalqabanillee amma magaalota Oromiyaa cufa keessatti hojjachuutti jiran akka jecha aaddee Loomiitti.
Fkn magaalii akka Laga Xaafoo, Sulultaa, Sabbataa, Shaashamannee,Asallaa faati gma kanaan akka dansaa deemuutti jiran.
Finfinnee keessallettti hujuma akkanaatti jiran jedhan.
Waan qajeelchuuf itti jiran keesaa ta dhibiin ammoo barreeffamaa karaa irratti Afaan Oromootiin barreessan qaqqajeelchuu.
Qubee seera malee manneen nyaataa,dhaabbilee daldalaa fa irratti barreessanillee qajeelchuuf seera itti baasanii hujiitti jiran.Biiroon Aadaa fi Tuurizimi warra tana hin tolchine seeraan adabuuf qophi jirti.
Gama kaaniin ammoo Oromiyaa godina hedddu keessatti galma abbootii gadaa hedduu jajaaruutti jiran.
Akka jecha aaddee Loomii Badhootti mootummaan naannoo Oromiyaa fi Biiroo Aadaa fi Tuurizimii ogeeyyotaa fi ummata daratanii Oromiyatti bifa tolchuuf hujii guddootti jiran.
Tana keessa tokkoo akka tuuristiin waan Oromiyaan faarsan hedduu dhuftee daawwattu tolchuun isa tokko. Aartii Oromoo guddisuulleen karoora biiroon tun baafatte keesaa tokko.
Ardaa jilaatti galma Abbootii Gadaa jaaruun tiyaatirii fi fiilmiin Oromummaa jabeessuulleen karoora bahe keessa jira.
Akkuma kanaan galma Abbootii Gadaa fulaa hedduutti jaaruutti jiran. Boorana, Gujii, Arsii fi ardaa jilaa hedduutti jaaruutti jiran.
Fkn akka jecha aaddee Loomiitti godina Booranaatti hojjataa fi ummati horii walti baafatee galma jaarrachuutti jira.Godina Gujiilleetti tanumaaf jedhni qarshii miliyoona hedduu walti qaban.
Galmii ardaa jilaati fi lafa seenaan qabadu keessatti jaaran kun waan aadaa lafa itti jaaranii agarsiisuu male.
Hujiin tun cuftii akka jecha aaddee Loomiitti faaya, jabeenna, qaroomaa fi eennummaa Oromoo fi Oromiyaan beekan addunyaa agarsiisuu.