Itoophiyaa,Masrii fi Suudan hujii hidhaa abbaayaatii fi misooma waliin qaban irratti Kaartuumitti mariitti jiran

  • VOA

ABAY

Your browser doesn’t support HTML5

Marii hujii hidhaa abbaay ji'a shanin duubatti hardha Kaartuumitti itti jiran

Biyyootii sadeen hujii hidhaa abbayaa irratti wal mari’atan hardhalee minsiteroota haajaa alaa isaaniitii fi ministeroota bisaan biyya isaanii itti yaammatanii kora irra jiran.

Bulchooti tun marii ji’a shaniin duratti irratti walii galuu dadhabanii gargar bahanitti deebi’anii wal dubbachuutti jiran.

Hujii hidhaa abbayaa eegii jalqabanii amma ganna torba keessa jiran.

Biyyootii tun sadeen hujii hidha laga abbayaa malee gama misoomaalleen akka karaa baaburaa fi hujii misoomaa hedduu walin qabaachuu dandahan iratti waliin mari’atan jedha ministerii haajaa alaa Itoophiyaa obboo Melles Alem