Wallisaa Taamiraat Destaa Boqate

  • VOA

Walisaa Taamiraat Destaa

Wallisaan alfiin beekamaan, Taammiraat Destaa, akka tasaa lubbuu dhabuun himamee jira.

Wallisaan kun dhukkubbiin itti dhaga’amee ofii konkolaataa oofee gara Kilinikii Sillaasee jedhamu deemuu isaa fi akka tasaa of wallaaluu isaa, booda immoo Ambulaansiin gara Hospitaala Minilikitti geessamuu isaa maddeen oduu biyya keessaa gabaasanii jiran.

Wallisaa Taammiraat, abbaa-warraa fi abbaa ijoollee shanii ti. Maatii fi firoota isaaf jajjabina hawwina.