WASHINGTON,DC —
Hawaahiin godina Amerikaa 50n keessaa tokko.Lafa Volaakoon bara kuma hedduuyyuu beekan qabaachuun beekan.
Volaakoon ammaa kun Kilauea Volcano jedhan naannoo BIG ISLAND keessaa taokka'ee gama dhibiillee dhudhuqqisuutti jira.
Aaraa fi daaraan achii bahu qilleensa naannoo hammeessee afaani fi laagaa nama guba.
Bulchootii naannoo akka namii afaanii fi funnaan hidhatu dhaamuutti jiran.
Hawaahiin lafa daawwiif itti yaa’an. Ammatti Volkaanoon kun dira namii keessa jiratu irraa diqqoo hiicuu jiraatullee gabayaan hoteelii Hawaahii amma harka 50 kasaarte.