Namii lola waranii Itoophiyaa Bitootessa 10 Mooyyaleetti nama fixeef Keenyaatti gale 3,000 oli kaambii Dambalaa Faccanaa jira

Ijoollee didiqqoo obboleeyyanii tanaa fi kuma hedduutti waraana Bitootessa 10 Mooyaletti nama fixan baqatee Keenyaatti gale (Footoo--Galmoo Daawwit (Dambalaa Faccanaa)

Your browser doesn’t support HTML5

Waraana loltootii Itoophiyaa Bitootessa 10 Boorna,Mooyyaletti nama kurnya caala fixan kuma hedduu Keenyaatti baqachiise

Waraani Itoophiyaa Bittatteessa 10,2018 Mooyaletti nama 10 caalaa fixe. Akka mootummaan jedhutti wannii sun waan dogongoraan tahe.

Onkloeessa bara 2017 keessatti waraanii Itoophiyaa nama shan godina Booranaa magaalaa Sooddatti fixe.Achitti ammoo makiinaa fahiilee ka walharkisu waan innii fa’ate ‘sondhee laallaaf hin soxxanii’ irratti falamaan dhuftee sun irratti waraanii dhalate.

Mooyyalee lafa yoo hedduu waraanii Liyuu Hayil naannoo Somaaletii dhufee keessatti nama hadhu. Warrii lafaa ammoo beekuma beekaa nu aasisanii jedha.

Warrii lola Bittatteessa 10 baqate bahee Mooyalee fi olloota isiitti dhiyaatu ka akka Tuqaa,Hiddii-lolaatii fi fulaa akka akkaattii baqate.

Eeegee ammoo kaambii Soomarre, Dambalaa Faccanaa,Funnaan Qumbii, Kukuba, Eel Diimtuu,Ele Boruu faatti naannahe.Laftii tun Keenyaa godina Marsabeetii fi Solooloo keessa.

Kaambii Dambalaa Faccanaa Keenyaa jirtutti nama Mooyyalee baqate 3,348ti keessa jira--(Footoo)Galmo Dawit

​Kootee Adii nama waraana sun baqatee amma tanumaaf amma kaambii Dambalaa Faccanaa jiru. Niitii isaa,Nageellee ta gaafas garaacha ji’a saddeetii qabduu fudhatee ijoolee jajabduu isaa haadhaa fi akkaoo Yaaballo jirtutti lakkisee Keenyaatti dabre.

Namii dhibiin baqaaf fuloo fuloo bahe hagii guddaan Dambalaa Faccanaatti walti dacha’e.

"Kaambii tanatti sagalee diqqoo tokko waan akka misingaa, sukkaaii,ruuzii, aananii fi buurkii fa namatti kekkennanii sunii dhiyoo tana kiiloo lama fa namaa kennan malee qara misinguma namaa qoodanii bultiin jajjabduu jedha.

“Nadheen deette misingaa itti kennanii sunuu ijoollee hedduu garaan dhukkubee dhiba guddaatti jira.”

Keenyaatti laftii ganna lolaan kaambii baqaa Dambalaa Faccanaa duudee manneen nama 31 guurratee sagalee muyoo namaa kennanillee guurrate jedha, Kooten.

Amma kaambii sun keessaa nama gara lafa tabbaatti lolaa duraa gorsan. Rakkoon dhibiin Dambalaa Faccanaa biinnii. Akka Kooteen jedhetti biiniin diiramaa fi galgalallee akka tiittee fuulatti nama dhawatti. “Diirma cufa nafii nama orbobbiisaa hin jiru.”

Laftilleen gama tokkoon raasaa halkan cufaa nyeencii dibbisaa bulaa jedha Kooteen.Kooteen warra isaa adoo kaambii jiruu wa itti barbaada guyyaa hujii biyyaa hojjata.

“Nama mana jaarratu maagaraa murra.Sunu saatii lama yaanee namaa hojjanna.Saatii haga 7-8 hojjattee shiliingii 50-100 namaa baasan.Dhabaa mannaa.”

Taatullee Kooteen Mooyyaletti deebihuu hin fedhu.Lafa dhiitee bariitullee waraanaa maan fedhachaa itti deema warrii duruu biraa achi yaaheeyyuu dachahuutti jiraa jedha.

UNHCR jara baqate kana Dambalaa Faccanaa kana gargaaruutti jiriti. Yvone Ngde ,itti gaafatamtuu odeeffannoo UNHCR damee Naayroobiiti. Akka isiin VOA Afaan Oromootti himtetti amma abbaa warraa Dambalaa Faccanaa keessa walumattuu nama 3, 348ti UNHCR jalatti galmaahee jira.

Jireennii nama wayyaa qabaa dhaabbilee gargaarsaa ka akka UNHCR, WFP, NGO fi hedduutti jara kana gargaaruutti jiraa jetti.

Lolaa kaambiitti baafatelleen nama haga diqaatti miidhamee kaambiillee fulaa lolaan hin tundhetti tarbeetti baafne jetti Yvonne.