Mariin araaraa Sudaan Kibbaa har’as danqama haaraa keessa seene. Yaada araaraa dhihaate, gurmuuleen mormitootaa ka fudhatama dhabsiisan yoo tahu gareen mootummaa immoo haga tokko simatee jira.
Hookkara Sudaan Kibbaa, uummata miliyoona afur qehee ofii irraa buqqisee fi uummata miliyoona toorbaa ol akka gargaarsa namoomaatti hirkatu godhetti furmaata barbaaduuf – carraaqqii godhamu haaressanii, gareeleen Sudaan Kibbaa torban kana Finfinneetti marii kana geggeessan.
“Yaadni araaraa IGADn dhihaate, kan dhimma bu’uraa Sudaan Kibbaa keessatti wal-dhibdee uumameef sababaa tahe kan ilaalcha keessa galche miti” ka jedhan – gurmuuleen mormitootaa, itti-fufuudhaanis, mootummaa Cehumsaa gara fuul-duraatti ijaaramu yaadame, kan Prezidaant Saalvaa Kiiriin akka hoogganamuu akeekame keessattis taayitaan irra-caalaan mootummaa amma aangoo qabatee jiruuf akka kennametti komatan.