Itoophiyaa:Warrii hiriira Finfinnee dhiyoo irratti nama fixe ammallee woma akkasii hojjachuu fedhaa ummatii mirgaa-bitaa ufi tissuu male

  • VOA

Ethiopia gov

Bombiin hiriira dhiyoo Finfinneetti muummee ministera Itoophiyaa deeggaruuf bahan irratti gadi dhiisan nama lama galaafattee,100 caalaa madeessitee nama 30 caalaan shakkanii qaban.

Bombii suniin duratti ibseen dhaamtee, caasaa bilbilallee hojjachuu dhowwanii mala bultiillee yakkuuf waan hojjatanitti jira akka odeeffannoon TV Itoophiyaatti.

Akka itti gaafatamaan odeeffammoo mootummaa Itooophiyaa Ahmed Shiidee jedhetti warii gaafaa nama balleessuu fedhe sun ammallee fulaa hedduutti woma akkanaa malachuutti jiraa gumiin mirgaa fi bitaa ufi mimillachaa ufi eegachuu malte.

Gama kaaniin ammo Manii Marii Itoophiya waan irratti mari’achaa bahe akka dhiifamaan mana hidhaatii nama baasan irratti mari’achaa bahee hardha irratti walii gale.

Warrii dhiifama tolchaniif ykn waan warrii yakke jedhan bira dabraniif ka wanjala akka akkaa hojjate,mootummaa humnaan gara galchuun himatanii fi waan hedduun himatan.

Warra tanaan himatame cufaa dubbi warraa laalanii koree hujii tana qorattullee dhaabanii boordii biiroon muuummee ministeraa itti gaafatatamu dabarsuuf hujiitti jiran.Dhiifama kana ammoo dhiyootti bordiin dhiyootti yaada itti kenniti.

Gama dhibiin ammoo Itoophiyaa fi Eeritiraan waan dabre walii bira dabruuf mariitti jiraachuu fi jaarroleen marii Eertiraalleen Finfinnee dhaquun akka oduu himaan Tokkummaa Mootummootaa jedhetti waan karaa nagaatti nama geessaati.

Dhaabii isaaniilleen deemsa kana hinuma deeggaraa murtii koomishiinii daangaa Itoophiyaatii fi Eertiraalleen hujii irra oolchuuf kurfoo jira.