Afrikaan Kibbaa biyya namii biyya ormaa kaan bultii wayyaa qabdu barbaada kaan ammoo baqatee itti galee keessa jiraatu.
Amalii abbaan biyyaa nama ormaa ufi keessatti jibbuun kun haga qaraallee caalaa hammaachaa dhufuutti jira.
Tokkummaan mootummootaa adooo dubbiin tun harkaa nama baatee biyyitii hin buraaxomne bulchootaan dubbii qajeelchaa jechuutti jira.
Akka tokkummaan mootummootaa jedhetti nama ormaa ufi keesatti xireeffachuun tun Afrikaa Kibbaa fulaa hedduu keesaa mumullachuutti jirti.
Jibbilleen akka qabaa akka Tokkummaan Mootummootaa jedhetti warrii akkana ufi keessatti jibban baqataa fi warra jireenna wayyaa qabu barbaada yaahu.
Torbaan afuriin duratti dira Soweettoo gara jaloo Johaanisbergitti nama biyya ormaatii dhufe afur fixan.
Suuqilee fi qabeenna nama biyya alaa hedduu saamanii kaan balleessan.
Akka UNHCR jedhutti jibbii akkanaa kun gara godina amma ya gara Cape Province fi Kuwazuuluu Naataalitti dabre.
Ganna 3n duralleetti akka oduu himaan UNHCR Charlie Yaxley VOAtti himetti nama abbootii biyyaa Afrikaa Kibbaatii fi namii biyya ormaa wal dhabee namilleen wa tahe.
Hagasii asitti ammoo akkuma tokko tattahaa qaqabbanaahaa yo tokko ammoo namii walti oowwaa dhufe.
"Taatullee ammallee waan kana marroo a’arguutti jirra.Warriia akkana ufi keessaa hadhan,ka waraana baqatee rakkoo akka akkaa keessaa armaan tahuu isaa hin dedhinaa. Warrii kun lubbuun baqatee armaan bahe.”
Afrikaa Kibbaa nama biyya ormaa kaan itti baqatee kaan itti godaane kuma 280 keessa jriaata.
UHCR akka oduu himaan isaanii jedhutti fulaa akkana namii keesatti dhibamuutti jiru naannoo Soweetto dhiyoo laalee deebihe.
Taatullee warrii naasoo namaa qabu hedduu fi dhaabbileen hedduun amalii nama ormaa biyya nama jibbisiisu waan itti lakkisuu malanii mitii jedha.