Bulchiinsi Traamp Kan Hojii Qabu Miti Kan Jedhe Nu Miti Jedhu Angawoonni Ameerikaa

  • VOA

Gaazexaan New York Times akkaataan bulchiinsa prezidaant Traamp waan gatii hin qabaannee dha jechu dhaan nama maqaan hin tuqamne dha’uun kan gabaasame angawoonni ol aanaan bulchiinsichaa tokko ana miti jechuutti jiraachuun ibsamee jira.

Ministriin dhimma alaa US Maayik Pompeewoo kun hojii amaaterii ti jedhan. Daayriketerri dhaaba tika nagaa Daan Kootis gama isaaniin ibsa baasaniin barreeffamni New York Times irratti ba’e anaan ykn itti aanaa kootiin kan jedhu kijiba jedhan.

Ministriin ittisaa James Mattis, tokkummaa mootummootaatti ambaasaadderittiin Ameerikaa Nick Haily, ministeerri dhimma maallaqaa Stiiv Minuuchin, ministriin naga eegumsa biyyaa Kiristiyeen Nelson fi ministeeronni kanneen biroonis akkasuma haalaanii jiran.

New York Times barruu sana kan maxxanse angawaa ol aanaan bulchiinsa Traamp maqaan isaanii ifa baanaan balaaf akka saaxilaman dubbatan jedhee jira.