Paartileen mormituu 7 ijjeechaa fi saamichii dhiyoo Itoophiyaa keessaa mumullatu waan itti callisanii miti jedhanii irratti walii galan

  • VOA

Paartileen mormituu Itoophiyaa 7 mootummaan jara nama fixuutti jiru seeraan gaafachuu male jedhan

Dhiyoo tana keessattu eegii bulchoota ABO biyyatti galan simachuuf namii walti dhufuu aansee asi nama hedduu saamaa kaan ijjeesaa lafa goosuutti jiran.

Manneen abbaa qabaa hedduu saama nama hedduu fixanillee.Keessttuu Buraayyuu fi Finfinneetti waan akkana kana arguutti jiran.

Akka kanaan dhiyoo tana Buraayyuutti nama hedduu fixanii manneen hedduu saaman.

Paartileen siyaasaa Itoophiyaa torbaan;ABO, KFO,ADO,ABOT, ATWO, Samaayaawii, fi Arbanyooch Ginboot 7

Akka ibsii jarii baase jedhetti warra biyya nagaa dhowwuutti jiru biyya oolmaa fi bultii biyya yakku,ka lafa nagaa dhowwu, jireenna nama dhowwu,jaalala gumiin walii qabduu hadheessee waraanatti nama oofuu fedah.

Akka koomishineerii poolisii federalaa,Zeynuu Jamaal jedhetti warra akkana lafa jeeqee nama fixu ka Buraayyuu 300-400 irratti Finfinneellee hedduu qaban jedhe.

Nama hedduutti harka jara kanaatti lubbuu dhabellee.Dootii tun paartilee siyaasaa guddoo miira hammeessite.Paartileen siyaasaa tun hardha afaan Oromootii fi afaan Amaaraatiin ibsa baasan.

Akka jarii kun jedhutti warrii kun jijjiirama haga guddaan Qeerroo fi Faannoon dhufaniin duubatti deebisee wal goose fedhii ufii guutachuuf tana tolchuutti jira.

Akka jecha isaaniitti mootummaan itti gaafatama qabuun nagaa lafaa eegee warra biyya bultii dhowwu ammoo seeraan gaafacfhuu qaba.

Paartileen biyya alaatii galanii fi biyya keessa jiran hardha waliin ibsa baasan kun eegii rakkoo qorataniin duubattti tana taana jedhanii walii galan. Paartileen tun tana irratti walii galan: jijjiiram argame jabeeffachaa,durattiin deemuu.

Warra tana diduu ammoo ufi irraa dhowwuu. Akka daragaggoolleen nagaa lafa ufii tiffattu gaafatan.

Biiroo odeeffannoo mootummaa naannoo Tigraayilleen namii fulaa fedhe naannoo fedhe jiraachuuf mirga seerii kenneef qaba.

Taatullee tana fakkeessanii nama ijjeesuun,horii abbaa qabu saamuu balleessuun seera malee.

Karaa qajeelaan wa gaafachuu baannaan biyyitii jijjiirama egerii biyyaallee karaa irra gorsa jedha.