Barreessaa dureen Tokkummaa mootummotaa Antoniyoo Gutarrees har’a ministeera dantaa alaa Itiyoophiyaa Dr. Warqinaa Gabayyoo waliin wal arguun dubbatn.
WAASHINGTAN, DIISII —
Jijjirama gaarii yeroo ammaa kutaa gaanfa Afrikaa keessatti argamee fi rakkowwan amma iyyu hin furamiin jiran attamitti falli akka argamuufii danda’amu irratti yaada wal jijjiran.
Itiyoophiyaa fi Ertraa giddutti araarri argame bu’a qabeessaa ta’u fi nagaa fi tasgabii kutaaf waan gaarii ta’u barreessaa dureen tokkummaa mootummotaa ibsanii jiru.
Isa kanaafis ta’e Ertraa fi Jabuutii gidduutti mariin akka itti fufuu gochuuf carraaqqii Itiyoophiyaan gochaa jirtu hundumaaf Tokkummaan mootummotaa deggersa akka godhu Gutarrees irra deebi’anii mirkaneessanii jiru.