Bulchootii Addunyaa Koraaf Amerikaa,New York Dhufan Kaan Hardhallee Irruma Oolanii Mataa-Marii Akka Akkaa Irratti Mariitti Jiran

Kora Tokkummaa Mootummootaa (UNGA)

Bulchootii addunyaa gannuam gannaan koraaf Amerikaa New York dhufan.Kori kun 73essoo torbaaniin duratti jalqaban.

Guyyuu mataa dubbii akka akkaa irratti wa dubbatan.Kalee gabayaa fi guddinna addunyaa irratti wal haasan.Maqaan damee gabayaa fi dinaggee Tokkummaa Mootummootaa, UNCTAD.

Waan irratti dubbatan keessaa tokko waan nagaa addunyaati.Waan nagaa irratti Itoophiyaalleen akka oduu himaan ministiri haajaa alaa isii, obbo Melles Alem jedhtti akkii nagaa addunyaa itti eegan jijjiiramuu male.

“Karaan Tokkummaan Mootummootaa nagaa biyyaatiin eegu,ganna 70n dura ittin bulaa bahan hardha hin hojjatu.Lolii jirulleen bifa jijjiirachaa deemuutti jira. Durii mootummaa lamaanitti wal hadha.Amma ammoo warra waraana uumuutti jira.Fkn Alshabaab, Somaalee,keessaa warra qorsa seera hin qamne lafaan maru,warrii seera malee biyyaa baasee nama gurguratu dhufuutti jira. Qawween waliin hadhanilleen jijjiiramaa deemuutti jirti.Tanaafuu Tokkummaan Mootummootaa mala lafaan eegu jijjjiiruutti jira.Yaada kana ammoo Itoophiyatti Tokkummaa Mootummootaatti himee biyyitii miseensa nagaa tokkummaa Mootummootaa cuftii yaada kana fudhatan.”

Yaadii dhibiin Itoophiyaan dhiyeeffatte akka jecha obboo Mellesitti akka Afrikaan gamii Bahaa nagaa qabaatu,bulchiinsa dansaa fi jireennallee ufi dandaahn tolchuuf.

Kora kalee irralleetti ammoo dinagdeen addunyaa akkam jirti jedhanii dubbatan. Gama kanaan jireennii addunyaa akka hamaa jira jedhanii dubbatan.

Ganna 10n duratti dhaabi maalla Amerikaa guddaan Leham Brothers gargar haharcahee xopheen sun addunyaalleen waliin dhoofte. Akka gabaasuun VOA Genevaa jirtu Liiaa Shilaayin UNCTAD maqeeffattee jettetti jireennii addunyaa ammallee dadaalachuma tokko.


Biyyitii mi’a wal irraa bittu irratti qaraxa walti darte wal aati..Akka kanaan addunyaan idaa walti faatee wal okkolchiisaa guddinnii isiilleen dadaaqaa deema.

Akka itti guddaan gabaasa UNCTAD kana baase, Richard Kozul-Wright jedhetti waan maallaqa addunyaa baran kana humna dhowwuutti jiraa akka dansaa dubbachuutt hin jiran.

Akka innii jedhetti horii seera malee biyyaa baasan,mataa hujii uumuu dandahau ka biyyaa yaahu,guddinnii biyyaa akka malee wal hanqachuu fi liqee biyya irra dabartetti guddinna kana harkisa.

"Fuluma cufaayyuu guddinna keessii obeensaa argina fuluutti rakkoo argina. Investerootii faayidaa akka malee keessa argatan taatullee taatullee guddinna dinagdee hin argitu.

Guddinnii liqeen guddatan dhaabbuu hin qabu.Guddinnii idaan keessaa jiru biyya heddu malkaa hin dabarsine.”Akka Kozul-Wright jedhutti siyaasaa jirutti biyya hedduu gabayaa irratti wal dhabsiisa.

Gabayaan addunyaa harkuma dureeyyiitti maruutti jirtu sunillee warrumatti qabaadhachuuf deema.

Akka Kozul Wrigt jedhutti daldala ykn gabayaa addunyaa harka 50 oli biyyuma cufa keessaa nama harka tokkotti qabaadhata.