How'inni Qilleensaa Fala Argatu Male Egereen Addunyaa Hamaa Ta'uf Deema Jedhame

  • VOA

How’inni qilleensa Addunyaa yoo gadi hin qabamne, egereen hamaan akka addunyaa mudatu, gurmuun Tokkummaa Mootummootaa gabaasee jira.

Waa’ee jijjiirama qilleensa Addunyaa kan gabaasicha maxxanse – qaamni Tokkummaa Mootummootaa kun, yoo hoogganoonni biyyyoota Addunyaa akkaataa itti how’a lafaa digirii seentii-giredii duwwaa tuqaa shaniin yokaan walakkaa tokkootiin gad-xiqqeessan y6oo mala dhatan, haalli how’ina lafaa, fayyoomnii fi negeenyii beeyiladaa-biqiltuulee naannoo haga wayyaa’uu akka danda’u tarreessee jira.

Gareen kun gabaasicha xumuruuf, Kooriyaa Kibbaa keessatti walga’e. Hoogganoonni mootummoota boiyyoota Addunyaa, waa’ee how’ina lafaa hanqisuu irratti akkuma bara 2015 walii-galaniitti, akka carraaqqii isaanii gabaasaan dhiheessan gaafataman.