Afgaanistanitti Duula Filannoo Irratti Dorgomuuf Kaadhimamaan Qopha’an Ajjefaman.

  • VOA

Filannoo paarlaamaa Afgaanistaankeessatti gaggeeffamuuf jiruuf kaadhimamaa kutaa Helmand kan ta’an namnii tokko duula na fildhaa gageessaa ituu jiranii haleellaa Bombii dhaqqabeen ajjefamanii jiran.

Mootummaa kutaa Helmandiif dubbi himaa kan ta’an Omar Zwak akka jedhanti, Jabbar Qahraman waajiira Laskargah keessatti duula filmaataa gaggeessaa ituu jiranii balaa dhohinsaa dhaqqabe namoota ka biroo hedduu madeesse.

Doktoorri hospitaala Helmand keessatti kutaan wal’ansa hatattamaa akka jedhutti namnii lama ajjefamee kanneen biroon6 mada’anii jiru.

Sabaa himaan naannoo akka gabaasanti wanni dhuka’e sun soofaa ykn waan irra ta’an keessa ka’ame.

Garu namoonni ijaan argan hangi tokko VOA..f akka ibsanti of-wareegan balaa kana geesise deggeraa kaadhimamaa fakkaatee seenuun balaa kana dhaqqabsiise.Balaa kana qorachuuf gareen tokko gamas dhaqqabu polisiin kutaa beeksisee jira.