Hanqinni Dawaa Zimbabwee Lammiiwwan Biyyattii Miidhaa Jira

  • VOA

Hanqinni Zimbabwe keessaa boba’aa fi fedhii bu’uuraaf kanneen gargaaran ka biro irra hamaa ta’aa dhufe.

Kampaniin dawaa Zimbabwe, dhibeewwan akka Cancer, dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi antibiotics argachuuf sharafa alaa ga’aa hin qabnu jedhu.

Kan umuriin 77 Leena Lukwaanii ijoollee biyyootii alaa keessaa waan qabaniif dhibee sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaaf dawaa argachuuf carroomaniiru.

Yeroo ammaa baay’ee ulfaata. Dawaalee na barbaachisu shan keessaa lama qofan argadha. Baatii lamaaf kuno akkasittin jira. Kanaaf nyaatan nyaadhu baay’een of eeggadha jedhan.

Dhukkubsattoonni akka isaanii yeroo tokko tokko dawaa hin argatan, ykn immoo bakka argamuu danda’u daandii irraa bitatu jedhan. mootummaan garuu dawaaleen kun hin amansiisan jedha. Abbaa taaitaa to’annoo dawaalee kan ta’an Shingai GWatiidizoo akka jedhanitt dawaaleen kun qulqullinni isaanii gaarii ta’uu fi dhiisuun isaanii hin ilaalamne. Kanaaf, balaa inni qabu dawaa nu gargaara jedhanii yaadan bitatu. Garuu dhuma irratti dhibeen isaanii hammaatee argama jedhan.

Dwaaleen kun bakka sirnaawaa dhaa waan hin argamneef jecha daandii irratti gurguramuu itti fufu, tarii lubbuu oolchuu malu, garuu lubbuu dhukkubsattoota dawaa barbaadanii blaa irra buusuu malu.