Dhaabonni Oromoo Walitti Hiiqanii Waliin Hojjechuun Tokkummaa Uummatichaa Ni Jabeessa: Hayyu Durree QC ABO Obbo Galaasaa Dilboo

  • Tuujubee Horaa

Hayyu Durree QC ABO Obbo Galaasaa Dilboo

Jilli ol aanaan Qaama Cehumsaa Adda Bilisummaa Oromoo obbo Galaasaa Dilbootiin Hoogganamu Onkoloolessa 30 bara 2018 jila Mootummaa Dr. Warqinaa Gabayyoon hoogganamu waliin Berlin keessatti wal argee walii galtee nagaa mallatteesee jira.

Kanas kan beeksise sadaasa tokko ibsa paartiin kun baaseen hubachuun danda’ameera.

Hayyu dureen dhaabichaa Obbo Galaasaa Dilboo VOAf akka ibsanitti dhiyootti qophii akkuma xumurataniin biyyatti kan deebi’an yoo ta’u, kan nuti mootummaa waliin walii galle ol aantummaa seeraa gama eegee fi karaa nagaan sagantaa keenya uummata keenya barsiisuu malee kaayyoo duraan qabanne gannee miti jedhan.

Uummatichii fi qaamoliin siyaasaa martinuu carraa amma argame kana utuu of hin dabarsin uummata wareegama qaalii inni kana dura baase ammas akka inni irra deebi’u akka hin goone of eeggannaa fi walii galtee dhaan rakkoo jiru furaa uummata kanaaf boqonnaan akka ta’u gochuu irratti hojjetamuu qaba jedhan.

Paartilee Oromoo kaan waliin illee hojjechuu dhaaf garaagarummaan jiraatuuf kabajaa walii kennuu dhaan hojjechuu akka fedhan illee obbo Galaasaan nuuf ibsaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Dhaabonni Oromoo Walitti Hiiqanii Waliin Hojjechuun Tokkummaa Uummatichaa Ni Jabeessa: Hayyu Durree QC ABO Obbo Galaasaa Dilboo