Waliigaltee kaleesa Paartii Dimookiraasummaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Oromoo gidduutti tolfme ilaalchisee, hirmaattoota marii sanaa keessaa tokko ka tahan pirezidaantii itti-aantuun Oromiyaa – Aadde Xayyibaa Hasan Kaayoo kaleessa yeroo dubbisnetti, “waliigalteen kun walta’insa ammaan dura biyya Ertiraa, magaalaa Asmaraatti hoogganoota gam-lameenii gidduutti tolfame sana daran cimsanii waliin hojjechuuf ka taasisame,” jedhanii turan.
Hoogggnoota ABO marichatti hirmaatan keessaa – miseensi Shaanee Gumii dhaabbichaa – Obbo Ibsaa Nagawoos kanuma mirkaneessan. Gara duul-duraattillee dantaalee Oromoo fi Oromiyaa tiksuu ilaalchisee, akka mariin dhaabota siyaasaa fi beektota Oromoo hirmaachise geggeessamu marii sana irratti yaadni dhihaatuu isaa dubbatan – Obbo Ibsaan. Gaaffii fi deebii guutuu caqasaa.
Your browser doesn’t support HTML5