Ibiddi Kaaliforniyaa Barbadeessaa Jiru Amma Iyyu Guutummaatti Hin Dhaamne

  • VOA

Kaaliforniyaa bakka Paaraadaayiz jedhamu keessatti balaa ibiddaa hamaa dhaqqabee irraa namoonni dhibba shan caalan nagaan ba’u angawoonni Dilbata kaleessaa beeksisanii jiru.

Balaan Ibiddaa kun eega jalqabee torban tokko caalaa yeroo jiru kanatti namnii kuma tokko ta’u eessa buteen isaanii dhabamee jira.

Gareen baraarsitootaa gamoolee gubatan keessa nama barbaadaa kan jiran yoo ta’u kanneen biroon immoo warra eessa akka jiran dhabaman kana karaa hiriiyyootaa fi maatii isaaniin iyyaafachaa jiru.

Hanga Dilbata kaleessaatti lakkobsii namoota du’anii 77 ga’e jira.Kanneen keessa eenyummaan reeffa namoota 67 baruu isaanii waajirri polisii konyaa beeksisee jira.

Ibiddi kun amma iyyu boba’aa kan jiru yoo ta’u yaalii gaggeeffamaa jiruun ibiddicha 100 keessaa harka 65 to’annaa jala olchuun danda’amee jira.