Paakistaan keessatti haleellaan lootee-seentotaan geggeessame, yoo xiqqaate namoota 34 ajjeesee, ka biroo kurna hedduu madeesse.
Magaalaa afaan galaanaa, kan Kibba biyyattiitti argamtu – Karaachii keessatti, of wareegdonni saqqii dhuka’aan guute hidhatanii qonsilaa Chaayinaa magaalattii jiru irratti haleellaa geggeessaniin yoo xiqqaate namoota afur du’e.
Miseensa milishaa naannoo “Reenjers’ jedhamuun beekamu irraa tokko VOAf akka ibsanitti, qoonsilicha keessa balbala waajira viizaa cinatti, of wareegdota sana keessa tokko wahila isaatiif karaa irraa maquuf otuu jedhuu dhuka’aan inni hidhate itti dho’uu irraa jalqabe – hookkarri sun.
Dho’insichaa booda, dhukaasa sa’aa tokkoo fi humnoota Paakistaan qonsilicha eeganii fi lootee-seentoa sana gidduutti geggeessameen, looltee seentonni ka biroon lama ajjeesaman.
Namoota ajjeesaman ka biroo keessaa lama poolisoota, kaan lama immoo namoota viizaa barbaacha qoonsilicha keessa turan tahuu dubbatan – aangawoonni.