Afgaanistaanitti Haleellaan Boombii Of-wareegdotaa Lubbuu 26 Galaafate

  • VOA

Biyya Afghanistaan, kutaa Koost ka jiru Masjiidhaa mooraa waraanaa keessa jiru tokko irratti, dho’insa dhuka’aa of wareegdotaatiin yoo xiqqaate namoota 26 ajjeesee, ka biroo 50 madeessuu isaa – waraanni biyyattii beeksisee jira.

Dubbi-himaan Raayyaa biyyooleessaa Afghaanistaan – Kaapteen Abdullaah akka jedhanitti, kadhannaa yokaan saalaata Jimaataaf yeroo uummatni ka yeroo kaan caalaa walitti qabametti dhuka’aan of wareeginsaa sun dhoosamee balaa guddaa dhaqqaabsiise.

Dhaabbatni Afgihaanistaan – Chaaneliin Tooloo akka gabaasetti, kanneen ajjeesaman martinuu miseensota raayyaa waraanaa, Rejimentii lammaffaa irraa ti.