Ramaddii Haaraa Imbaasiwwan Itoophiyaatif

  • VOA

Imbaasii Itoophiyaa, Waashingitan Diisii

Biyyoota Addunyaa adda addaa keessa kanneen jiran – Embaasiilee fi Qonsilaalee Itiyoophiyaa 59 keessatti ramaddiin haaraan hojii dippiloomaatotaa fi hojjetotoa ka biroo xumuramuu isaa ministiriin dhimma alaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Tarkaanfiin ministriin dhimma-alaa Itiyoophiyaa kun qaama jijjiirama fooyyaa’insaa fi haaromsa ijaarsaa fi ramaddii qabeenyaa namaa tahuun ibsamee jira.

Dubbi-himaan ministirii dhimma-alaa Itiyoophiyaa – Obbo Melles Alem akka jedhanitti, waajira ministrichaa guddaa irraa jalqabee haga biyyootatti hojjetoonni jiran, bakkawwan haarawa itti ramadaman akka beekan taasisamee jira.

Ambaasaddaroonni, dippiloomaatonnii fi hojjetoonni Embaasiilee ka biroon, lammiwwan Itiyoophiyaa hirmaachisuu fi tajaajiluun akka irraa eegamus – Obbo Melles Aalem dubbatanii jiran.

Waaltaalee ergamaa yokaan misiyoonota 59 keessaa kanneen hojjetan – hojjetoota 412 keessaa walakkaan isaanii, misiyoona tokko irraa gara misiyoona ka biraatti jijjiiraman tahuus ibsanii jiran.