FINFINNEE —
Dhaabonni siyaasaa Oromoo kudhanii ol tahan har’a walitti dhifuun haala yeroo ammaa Oromiyaa keessa jiruu fi akkaataa waliitumsuun injifannoo uummatni haga ammaatti argatee fi jijjiirama argame tiksuu fi gara fuul-duraatti tarkaanfachiisuun danda’amu irratti marii bal’aa geggeessanii jiran.
Marii har’a Giddu-gala Aaadaa Oromoo keessatti taasifame iratti, gaaffiilee ka’aa jiraniif uummatni akka obsaan deebii eeggatun waliinii hoogganoota dhaabota siyaasaan dhihaatee jira.
Haala itti gara fuul-duraatti waliitumsuun hojjechuun danda’amu uumuuf, qaama waloo tokko akka gad-dhaabanis yaadni dhihaatee jira. Gabaasaa Muktaar Jamaal, bakka marichaa irraa ergame caqasaa.
Your browser doesn’t support HTML5