Prezidaantiin Faransaay Mormii Irratti Ka'eef Galgala Harra Deebii Keenuufi

  • VOA

Prezidaantiin Faransaay, Imaanu’eel Makroon, hiriira guddaa maqaa “Yellow-Vest” jechuun “Seedariyyaa keelloo” jedhuun, sanbatawwan torbanneen afur dabranii walitti-fufuun guutummaa biyyattii keessatti geggeessamaa turaniif deebii kennuuf jecha, galgala kana haasawa gochuuf jiran.

Hojetoonni guutmmaa Farasaay kaleessa, caccabaa karaa irraa guute, ka hiriirtonni guyyaa duraa – jechuun Sanbata dabre konkolaatota gugubuu fi manneen saamuu irraa madde qulqulleessaa oolan – jedhama.

Miniatiriin dhimma keessoo ka Farasaay akka jedhutti, uummata biyyattii kuma dhibba tokkoo fi soddoma tahu tu qaala’uu yokaan miyaa’uu jireenyaa mormuun hiriira bahe. Prezidaantummaa Makroon irrattis mormii qaban dhageessisanii jiran.

Hiriira guutummaa Faransaay keessatti Sanbata geggeessame kana irratti gara namoota kuma lamaa tu qabamee ture.