Tokkummaan mootummootaa, biyyoonni akka Turkii, Libaanon, Joordaan, Masrii fi Iraaq, lammiwwan Siiriyaa miliyoona hedduu gara daangaa isaaniitti baqataa turaniif dahata kennuu isaaniif galateeffatee jira. Siiriyaan eega rakkoo hookkaraa keessa galtee waggaa kurnaffaa qabattee jirti. Gargaarsi baqattoota Siiriyaa kun dinagdee fi misooma isaanii irratti dhiibbaa guddaa gochuu isaa dubbatu – biyyoonni isaan simatan kun.
Eega bara 2011 wal-waraansi Siiriyaa keessatti ka’ee as, haalli jireenya lammiwwan Siiriyaa biyya ofii irraa baqatanii fi kan hawaasaalee biyyoota isaan keessa qubatanii gad adeemaa dhufuu isaa ka dubbate Tokkummaan Mootummootaa, “baqattoota sana keessaa kanneen dhibba irraa harka toorbaatamaa fi saddeettama tahan, sarara sadarkaa hiyyummaa tii gaditti jiruttu. Ijoolleen isaanii barnoota hin argatan. Baay’een isaanii ofii fi maatii isaanii gargaaruuf jecha, hojjechuuf dirqamu,” jedha.
Gabaasaa guutuu caqasaa
Your browser doesn’t support HTML5