Dimokraatonni Daangaa Biyyaa Akka Eegamu Yoo Tole Hin Jenne Waraanni Ni Eega: Prezidaant Traamp

  • VOA

Prezidaant Doonaald Traamp daangaan mexco waliin jiru koolu galtoonni seeraan alaa akka hin seenna hin taasisama, garuu mormitoonni dimokraatotaa ededi akka hin ijaaramne sagalee hin kennan ta’e, waraanni US akka eegan anan ajaja jedhan.

Koolu galtoonni heddummaan Ameerikaa waaltaa irraa gara UStti baqatan hiyyummaa fi hookkara biyya isaanii keessaa dheessuu dhaani.

Traamp ergaa twitter erganiin akka jedhanitti sabaaa ededi naannoo sana jiru haara’eef jecha Ameerikaa seenuu hin dandeenye. Waardiyaalee fi waraanni naannoo daangaa eegumsa gochaa jira jechuu dhaan koolu galtoonni kun Mexico keessa turu ykn gara biyya ofiitti deebi’uu qabu jedhan.