Biyyatti Deebi’uu Feena : Baqattoota Oromoo Yaman Keessa Jiran

  • Jaallannee Gammadaa

Faayilii - baqatoota Itoophiyaa karaa seeraan alaa Yaman dhaquudhaa Somaaliilaand keessa darban, 2015

Kan wal-waraansaan jeeqamaa jirtu Yaman keessatti rakkoo hamaa keessa akka jiran ka dubbatan godaantonnii fi baqattoonni lammiwwan Itiyoophiyaa gara biyya ofitti deebi’uuf ehama dhaaba baqattotaa kan tokkummaa mootummotaa ykn UNHCR barbaadanii akka argachuu dhaban dubbatu.

Waajira dhimma baqattootaa Sana’aa jiruuf itti-gaafatamtuu hariiroo alaa fi odeeffannoo ka tahan Waanaa Chaaw Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin waa’ee lammiwwan Itiyoophiyaa biyyatti deebi’uuf gaaffii dhiheeffatanii beekna irratti hojjetaa jirra jedhan.

Rakkoon Yaman keessaa haala wal-xaxaa tahe uumuu isaa illee dubbatanii jiran. Jaarmayaa Dhimma Godaantootaa ka sadarkaa Addunyaa ykn IOM-tti waajirri dame Itiyoophiyaa immoo kanneen gara biyya isaaniitti deebi’uuf ehama argatanii fi kanneen hidhaa gad-lakkisaman ka deebisaa jiru tahuu ibsee “rakkoon Yaman keessa jiru guddaa dha” jedha.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Biyyatti Deebi’uu Feena : Baqattoota Oromoo Yaman Keessa Jiran