NAAYROOBII —
Haleellaa hidhattoonni naannoo shanii kaleessa Mooyyalee keessatti dhaqqabsiisaniin namni 13 lubbuun isaanii darbe. Mootummaan Naannoo Oromiyaa harra ibsa baaseeni haleellaa Kanaan namni 100 madaawuullee beeksiseera. Jiraattonni magaalattii garuu hidhattoota naannoo shaniittis dabalata humni raayya ittisa biyyaa Mooyyaleen qubatee jiru ajjeechaa kana keessatti hirmaachuu dubbatanii jiru.
Obbo fuuggicha Dheengee Kantiibaan Magaalaa Mooyyalees Raayyaan Ittisaa ajjeechaa kana keessatti qooda fudhachuu mirkaneessanii jiruu, Galmoo Daawit dabalata qaba.
Your browser doesn’t support HTML5