WAASHINGITAN, DIISII —
Mootummaan Yunaaytid Isteetes hangii tokko eega cufamee kamiisa har’a guyyaa 6 guute yoo ta’u danqaa prezidaant Traamp fi Demokraatoota kongreesa giddutti mudatee furatanii walii galuu inni jedhu amma iyyu waan fakkaatu hin taane.
Traamp Dolaara Biliyoona 5 kan ittiin Amerikaa fi Meeksiskoo giddutti edeeda ittiin ijaaruu naa kennaa jechuun gaafatan. Demokraatonni immoo kana mormuun Doolaara Biliyoona 1.3 nageenya daangaa eegsisuuf siif laanna jedhan.
Traamp dhaamsa Twitarii kamiisa har’a ganama barreessaniin Demokraatonni nageenyii daangaa gama kibbaa barbaachisaa ta’u isaa hubatanii laata jechuun gaafatan.Yeroo waajirri mootummaa cufaa jiru kanatti mindaa kan hin baafamneef jara Demokraatootaa kana jedhan.