WAASHINGITAN, DIISII —
Angawoonni nageenyaa kan Federaalaa Raashiyaa ibsa har’a baasaniin lammii Ammerikaa kan ta’e Paul Whelan hojii basaasaa ituu gaggeessuu muddee 28 kan qabamee yoo ta’u himannaan yakkaa irratti banamee jira.
Dhimma kana kan ilaaleen gad fageenyaan waan dubbatame hin jiru.Garu dhaabatii oduu Raashiyaa TASS akka jedhutti Whelan irratti mirkanoofnaan hidhaan hanaga waggaa 20 irratti muramuu mala.
Dubbi himaan ministeera haajaa alaa Amerikaa akka wixata har’a jedhutti angawoonni Raashiyaa lammii Amerikaa hidhuu isaanii beeku.