‘Raayyaan Ittisa Biyyaa Gujii Lixaatti Namni 20 Ol Ajjeese’ Jiraattota

Oromia map

Gujii lixaa keessatti jimaata darbe Raayyaan Ittisa Biyyaa jiraattota irratti erga dhukaaseen booda lubbuun namoota 20 akka darbe, 18 ol ka ta’an ammo akka madaa’an jiraattonni dubbatan.

Erga ta’een kun raawwatee boodas namootni hedduun manaa baqatanii akka jiran jiraattonni himanii jirani. Bulchaan Aanaa Dugdaa Daawa, bakki ajjeechaan kun itti raawwatamee ajjeechaan kun dhugaa tahuu yoo mirkaneessan, Obbo Abarraa Bunnoos bulchaan godina Gujii Lixaa namootni ajjeefamuu himanii lakkoofsa warra du’anii garuu haga yoonaa odeeffannoo nama 12 qofaatu du’e jedhutu na gahe jechuun dubbatan.

Galmoo Daawit dabalata isaa qopheesseera.

Your browser doesn’t support HTML5

‘Raayyaan Ittisa Biyyaa Gujii Lixaatti Namni 20 Ol Ajjeese’ Jiraattota