Dubree Waggootaf Hidhaa Turtee Baatee fi Abbaa Gadaa Dabalee Godinaalee Wallaggaa Keessatti Namoonni Hidhaman

Caaltuu Taakkelee fi Abbaa Gadaa Maccaa, Getaachoo Tarfaa waliin nama hedduu Wallaggaatti hidhan

Your browser doesn’t support HTML5

Caaltuu Taakkelee fi Abbaa Gadaa Maccaa, Getaachoo Tarfaa Hidhaa jiran

Kan ammaan dura waggoota kudhanii oliif hidhamtee waggaa dabre gad-lakkiste Caaltuu Taakklee dabalatee, namoonni magaalaa godinaalee Horru Guduruu Wallggaa, Wallagga Bahaa fi Wallagga Lixaa keessatti Komaand Poostiin kan hidhaman tahuu maatii fi jiraattonni dubbatanii jiran.

Kanneen magaalaa Wallagga Lixaatti hidhaman, jeddhaman keessaa tokko Mandii irraa Abbaa Gadaa Maccaa, Obbo Getaachoo Tarfaa tahuu haati-warraa isaanii Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran. Biiroon Dhimmotoa Komunikeeshinii Bulchiisa Naannoo Oromiyaa immoo namoonni kun eeruu hawaasa irraa isaan irratti kennameen to’atamaa jiru, jedha. Gabaasaa Naakor Malkaa caqasaa.