Kan Cufamee Ture Daandiin Affaar Baname

  • VOA

Naannoo Affaan keessaa kaleessa sa’a afur irraa jalqabee kan geggeessamaa ture hookkarri daandii cufuu har’a gara galgalaa xumuramee daandiiwwan banamuun isaanii ibsamee jira. Dhalattoonni Somaalee kan itti heddummaatan gandeen sadii keessatti walitti bu’iinsa uumame tasgabbeessuuf jecha humni addaa naannoo affaar bobba’uu isaa momruu dhaan ture dargaggoonni naannoo sanaa mormii kan eegalan. Sochii mormii sanaa irraan kan ka’e qabeenyaa imaltootaa irra miidhaan hin geenye jedhameera.

Daandiin Awaash irraa gara Tigraayitti geessu ganama sa’a lama irratti kan baname yoo ta’u, walakkeessa biyyaa irraa gama bahaa jechuun daandiin Jabuutiitti geessu garuu sa’a 10:35tti banamee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu caqasaa