Itiyoophiyaa keessatti namnii yakka hojjachuu isaa mootummaan labsee hin hidhamiin hafee hin jiru: Dr. Abiyyi Ahmad

  • VOA

MM,Abiy Ahmed

Your browser doesn’t support HTML5

Marii Muummeen Ministera Itoophiyaa parlaamaa waliin

Bulchiinsi Naannoo Hundumtuu Shakkamtoota Yakkaa Seera duratti Dhiyeessuuf Yaalii Guddaa Gochaa Jiru kan jedhan Dr. Abiyyi Ahmad

Yakkamaa tokko ifatti ennaa sosso’uu argaa namnii dhunfaas ta’e gareen qabee seera duratti hin dhiyeessine walta’aa jedhamee seeraan gaafatama ka jedhan.Garu shakkamaa ijaan hin argine dabarsee hin kennine jedhamee hin yakkamu jedhan.

Kanneen nagaan qabsaa’uuf eega biyya seenanii booda qawwee kaasan humnootii jedhan akkasumas kanneen rakkoo mudatuu irraa bu’a bufachuu fedhan ittiin jedhan biroofis akeekkachiisa kennan Dr. Abiyyi.

Seera hundee godhannee tarkaanfii fudhanna.kana gochuu akka dandeenyuufis manni marii kun mootummaaf aangoo humnaan gargaaramuu guutuu kenneera jedhan.

Dhimma Nagaa, Dimokraasii fi Tokkummaa Itiyoophiyaa irratti walabummaa fi abba biyyummaa biyyatti eegsisuuf falmii ta’uuf hanga wareegama lubbuutti falmuun qooda lammiwwan biyyatti hundaati jedhu Dr. Aniyyi Ahmad.

Gabaasa Guutuu Caqasaa