Jijjirama Argame Tumsuun Barbaachisaa Dha: Bulchiinsa Oromiyaa

Oromia map

Your browser doesn’t support HTML5

Bulhiinsii naannoo Oromiyaa abbootii qabeennaatii fi atileetota biyyaatiin wal mari'ate

Bulchiinsi mootumaa naannoo Oromiyaa wiixata kaleessaa Guraandhala 4,bara 2019 abbotii qabeenyaaa naannichaa waliin mariin gaggeessee ture. Abbotiin qabeenya oromoo injifanoo gama siyaasaan argame dinagdeen milkeesuf tumsuu akka qaban waamichi dhihaate.

Wiixata har’a immoo bulchiinsi mootumaa naannoo Oromiyaa qaamolee garaa garaa waliin gaggeessaa jiruun Artiistotaa fi kanneen Isportii adda addaa irratti bobba’an waliin marii guyya lamaffa isaa itti fufee jira.Artii oromoo guddisuuf danqaa ta'aa jiran jedhames eeramanii jiru.

Biroon Aadaaf Tuuriizimi Oromiyaa Kooleejji barnoota Artii Oromoo dabalatee projaktooni rakkolee garagaraa furuuf oolan dhiheenatti ni dhugoomsamu jedhee jira.