Raashiyaa fi Chaayinaan Afrikaatti miila lafatti jabeeffachuutti jiran akka hajajii waraana AFRICOM jedhetti tun waan nama yaaddessaati

AFRICOM

AFRICOM,Hajaja waraana Amerikaa Afrikaa jiruuti. Akka hajajaan waraana US-Afrikaa,AFRCICOM jedhetti Raashiyaan qabeennaa fi bahaadhuma Afrikaatiin ufi badhaasuf hujiitti jriti.

Akka jeneraal Thomas WALDHAUSER Senetetii Amerikaatti himetti hujiin Raashiyaatti tun gufuu biyyatti tahuutti jirti.

Raashiyaa qofaa mitii Chaayinaalleen Afrikaa keessaa jireenna fedhchuuf hidda jabeeffachuutti jirti.

Jireenna wayyyeeffachuu qofaa mitii achumaan waraanallee lafatti jabeeffaa deemuu hin ooltu.

Hajajaan waraana kun akka minisiterii ittisa waraana Amerikaa hariyummaa Afrikaa waliin qabu jabeeffatu fedha.

Chaayinaan amma teessoo waraanaa Jibuutii keessa qabdi ammallee ka dhibii jaarrachuu feeti.