Gumiin Gamtaa Afriikaa Xumurame

Mata dureen marii gumii gamtaa Afriikaa kanaa waggaa baqattootaa, kan baqaa deebi’anii fi namoot biyya isaanii keessatti qe’ee ofii irraa buqa’anii jedha.

Dura taa’aan komiishina gamtaa Afriikaa Musaa Faakii Mohammat gumiin kun ennaa banamu haasaa dhageessisaniin bara ofii baqataa turan yaadatanii jireenya suukaneessaa baqattummaa gabaabsanii tuqaniiru.

Xumura gumii kaleessaa irratti dura taa’aan gamtaa Afriikaa inni haarawaan prezidaantiin Masrii Al Fattaa Al Sisii tuuta oduuf ibsa kennaniin rakkoon isaa hagam ulafaataa akka ta’e ibsaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu caqasaa