Daldala walabaa Afrikaa Keessaa Jajjabeesuun Akka Barbaachisu Ibsame

Godinaan daldala walabaa kan Afriikaa uumuun guddina ardittiif hundee jijjiiramaati jedhamee jira. Waaltaaleen gargaarsa maallaqa Yunaaytid Isteetes adda addaas ardii Afriikaa waliin hojjechuuf fedha agarsiisaa jiran.

Gumiin hogganoota Afrikaa inni 32ffaan dhimmootii murtii irratti kenne keessaa tokko Godina daldala walbaa Afrikaa hundeessuuf galmee gargaaru waggaa sadii keessatti qopheessuu kan jedhu ture.

Yunaaytid Isteetes daldala Afrikaa keessatti gaggeessituun guddina dinagdee fi carraa hojii banuuf akka ta’e ibsamee jira.

Angawoota sadarkaa olaanaa Itiyoophiyaa walagahii kana irratti argaman keessaa tokko kan dhiyeenya kana Amerika-tti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uun muudaman Obbo Fitsuum Areggaa raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibsanti Amerikaan Afrikaa irratti imaamanni qabdu kan biyyoota Eshiyaa irraa adda ta’uu ibsanii Afrikaan madda guddiina itti fufiinsa qabuu akka taatu afaan guuteen dubbadha jedhan.