U-20,Waldorgommii kubbaa miilaa ijoollee addunyaa ganna 20 gadii ta FIFAn qopheesse. Ji'a sadiin duubatti Polaanitti taphatanCaamsaa 23-Waxabajjii 15 Polaanditti taphatan.
Ardiin 6 keessaa walti dhufan biyya 24 walti hafa.Afrikaa keessaa Naayjeeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Maalii, Senegaalii fi Maalii abdatti.
Naayjeeriyaan USA,Faransaay,Ukreeyinii fi Qataariin walti marte.Afrikaan Kibbaa, biyyiti Afrikaan dorgommii tanaa herregatt Poortugaal,Arjentiinaa Fi kooriyaan Kibbaatiin walti qajeelte.
Shaampiyoonaan Afrikaa Maalii,dorgommii akkanaa irratti bara 1989 fi 2015 sadeessoo baate Faransaa,Panaamaa fi Saduwdiin walti marte.Faransaay bara 2011 keessaa U-20 moote.
Garee: A: Poland, Colombia, Tahiti, Senegal
Garee B: Mexico, Italy, Japan, Ecuador
Garee C: Honduras, New Zealand, Uruguay, Norway
Garee D: Qatar, Nigeria, Ukraine, USA
Garee E: Panama, Mali, France, Saudi Arabia
Garee F: Portugal, Korea Republic, Argentina, South Africa
Afrikaa keessaa haga ammaatti Gaanaa qofatti U-20 moo'e. Bara 2009 Biraazil 1-0 qaariftee waancaa irraa fudhatte. Addunyaa keessaa Arjentiinaan marroo 6,Biraazil marroo 5 moo'an.