Prezidaantiin Faransaay Daawwannaa Biyyoota  Sadiif Gara Afrikaa Qajeelan

  • VOA

Prezidaantiin Faransaay – Imaanu’eel Maakroon, daawwannaa biyyoota sadiif har’a gara Afrikaatti qajeelanii jiru.

Waa’ee waraana Faransaay Afrikaa keessatti bal’ifachuu, akkasumas hariiroo daldalaa, aadaa fi eegumsa qilleensa naannoo tolfachuutti fuuleffate – daawwannaan hoogganaa Faransaay kun.

Biyya duraan Kolonii turte – Jabutii dhaa ala, biyyoota ollaa sanaa humna qabeeyyii – Itiyoophiyaa fi Keeniyaa daawwachuuf jiran. Eega Keeniyaan bara 1963 kolonii irraa bilisoomtee as, prezidaantiin Faransaay biyyattii daawwachuun kun ka duraa tahuuf jira.