Mootummaan Waayit Haawusi Karoora Baasii Mootummaa 2020 Ifa Godhe

  • VOA

Mootummaan Waayit Haawusi, karoora baasii mootummaa ka bara 2020 doolaara Triiliyoona 4 caalaa tahu har’a ifatti beeksisaa jira.

Ka Prezidaant Traamp, daangaa Meksiikoo fi Yunaayitid Isteetis irratti dallaa ijaaruuf gaafatan – baajetni Doolaara Biliyoona 8 fi qabxii saddeetis kana keessatti hammatamee jira.

Kan yeroo dheeraaf wal-mormsiisaa ture – gaaffiin baajeta ijaarsa dallaa daangaa kun, baatiilee fuul-dura jiran hedduu keessatti mormii haaraa kaasa – jedhamee eegama. Dimookiraatonni ammallee akka baajeta dana danquuf jiran dhaadatanii jiran.