Dirreen Xiyyaara Liibiyaa Keessaatti Tajaajila Keennaa Ture Haleellamun Himame

  • VOA

Namoonni ijaan arganii fi aangawoonni Liibiyaa keessaa akka jedhanitti, xayyaaronni waraanaa har’a magaalaa Triippoolii keessa ka jiru dirree xayyaaraa tokkicha hojjetu haleelanii jiran.

Haleellaan kun ka geggeessame eega Tokkummaan Mootummootaa akka waliigalteen dhukaasa dhaabinsaa biyyattii keessatti tolfamu waamicha dhiheessee booda tahuun beekamee jira.

Aangawoonni naga-eegumsaa dirree-xayyaaraa Triippoolii irraa gama Bahaatti argamu irraa akka jedhanitti, haleellaa sanaaf haga ammaatti kan itti gaafatama fudhate hin jiru. Dirree xayyaarri irraa ka’uu fi irra qubatu miidhuu irraa kan hafe haga ammaattii miidhaan lubbuu namaa irra gahe akka hin jirre tu dubbatama.

Humnoonni ajajaa waraanaa Jeneraal Kalifaa Haftaariif amanamoo tahan, magaala Triippoolii qabachuuf ka dhiibanii dhufan yoo tahan, ka Tokkummaa Mootummootaatiin deggeramu – muummichi ministaraa Faayez Saaraaj ammoo, humnoonni mootummaa haleelanii deebisuuf qophaawanii jiran – jedhu.