Pirez.,Al Bashiir gadaa abbaa hedduu humnaan biyya bulchaa bahe kaan irreen irraa buusani namii amma gammachuun lafa ciruutti jira

Sudan President resigns

Your browser doesn’t support HTML5

Mootummaa Al Bashiir irreen irraa buusanii ganna lamaan dhufaa Suudan Waraanatti bulcha

Ummatii Suudan pirezidaanii isaanii gadaa abbaa hedduu irraa biyya bulchaa bahe humnaan buusani jennaan gammachuun lafa ciruutti jira

Suudanitti namii kuma kurnya hedduu mukaa-diidaa yaa’ee gammachuun lafa ciruutti jira.

Pirezidaantii Oomar Al-Bashiir ganna 29 caala biyya sun irreen bulchaan bahe mootummaa isaa irreen irraa fudhatan.

Hajajaan waraan Suudan,Awad Mohamed Ahmed Ibn Auf abbaan irraa ya irreen irra afuudhan jedhe.

"Bashrii ya hujii irraa buusanii qabanii harka namaa jira.Naguma qaballee Suudan ganna lamaan dhufaa waraantti bulcha.”

Ji’a sadeen dhufaa ammoo dhaqaa gala namaallee waraanatti tothata komaandi poostin bultii saatii itti bahanii manatti galanitti jira.

Ummatii Suudan ji’a afuri waltuma aansee akka mootummaan isaanii hujii irraa bu’uuf gaafachaa bahe.Nama 31 dhumatee 60 caalaatti mammadaahe.

Mootyummaan gara gallaan mana hidhaa bananii nama siyaasaaiin hidhame cufaa gadi dhiisan jedhanii median labse.

Taatullee akka warrii ilaan arge ejdhetti namii bahe hin jiru.Namii tanatti dallanee waajiira mootummaa magaalaa Poortii fi Kasalaa jiru dhagaan caaccabse.

Amerikaan nama biyya isiitii ufi eegadhaa jettee dhaamatte.Al-Bashir,jaarsa ganna 75 waraana milishoota Islaammmaa tahee bara 1989 keessa mootummaan irreen fudhate.

Manii murtii addunyaa ICCn Bashiir Suudan naannoo Daarfuritti ilmaan namaa ficcisiise jedhee wanjalaan himachuutti jira.