Boqachuu Dr. Nagaasoo Ilaalchisuun Guyyaan Gadda Biyyoolessaa Labsame

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa boqachuu preezdaantii FDRI duraanii Dooktar Nagaasoo Gidaadaa ilaalchisuun guyyaan har’aa gadda biyyoolessaa akka tahee oolu labsee jira.

Haaluma kanaan har'a alaabaan Ripaablikii Itoophiyaa guutuu biyyattii keessatti, doonii Ityoophiyaa, imbaasotaa fi qoonsilaalee Itoophiyaa ala jiranitti gad siqsamee fannisamee oole. Sirni Awwaalchaa Dr Nagaasoo Gidaadaa Soolan bakka maatii, jaallattotni fi qondaaltonni mootummaa olaanoon jiranitti bakka awwaalchaa Wiingeet Phaawuloos We Pheexiroositti kaleessa raaw’atame.

Gabaasaa Tsahaay Daamxoo caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Boqachuu Dr. Nagaasoo Ilaalchisuun Guyyaan Gadda Biyyoolessaa Labsame