Yohaannis Nasiibuu Amerikaatti nama lama fixee Itoophiyaatti baqate jedhanii himatan kaan yaqabanii Amerikaan dhufan

  • VOA

Yohaanis Nasiibuu Amerikaatti nama lama fixee Itoophiyaatti baqate yaqabanii Amerikaan dhufan

Yohaannis Nasiibuu nama ganna 24. Muddee 22 fi 23 bara 2016 Amerikaa godina Verjiiniyaa naannoo Burki fi Ispiringfiildi keessatti Henok Yohaannisii fi Qiddisti Simeenee fixe.

Achii baqatee Itoophiyaatti galee ganna sadii jiraate.Warii innii fixe lachuu nama ganna 22 keessa jiru. Jara lamaanuu akka gabaasa poolisiin godina Fairfax bahetti guyyaa guyyaa mana isaanii keessatti fixan.

Nama fixee jennaan gatii tikkeetii xuyyuuraa $3,000 bitatee Itoophiyaatti galee jiraachaa bahe. Jennaan namii isa beeku arge himan. Itoophiyaan nama Gurrandhalaa 2019 keessa qabdee Muddee 3, 2019 Amerikaa fidan.

Qabiitii tanaaf Amerikaan Itoophiyaa galateeffatte.